Konkolaattoonni deeggarsa namoomaa fe’an 74 Naannoo Affar Magaalaa Samaraa irraa ka’uun gara Maqaleetti imalaa jiru.

57

Ebla 15/2014(TOI) - Mootummaan Itoophiyaa, Naannoo Tigraayitti lammiilee haala rakkisaa keessa jiraniif deeggarsi barbaachiisaan akka isaan dhaqqabuu gochuuf akkatuma waadaa seene kabajuuf haala mijataa geejjibsiisuu deeggarsa namoomaa uumuuf hojjachuu irratti akka argamuu Tajaajilli Komuunikeeshinii Mootummaa beeksise.

Bu’uuruma kanaan marsaa 3ffaan guyyaa har’aa konkolaattoonni deeggarsa fe’an 74 Naannoo Affar Magaalaa Samaraa irraa ka’uun gara Maqaleetti imalaa jiru; kanneen keessaa konkolaattoonni 6 boba’aa kan fe’aniidha.

Mootummaan Sagantaa Nyaataa Addunyaafi dhaabbilee deeggartootaa biroo waliin tahuun Naannoo Tigraayitti, jiraattoota haala rakkisaa keessa jiraniif deeggarsichi akka dhaqqabuuf carraaqqiin taasifamaa jiruu cimee itti fufuus Tajaajilli Komuunikeeshinii Mootummaa beeksiseera.

Mootummaan Itoophiyaa, Naannoo Tigraayitti lammiilee haala rakkisaa keessa jiraniif deeggarsi barbaachiisaan akka isaan dhaqqabuuf, humni weeraraan ammaas naannoowwan Amaaraafi Affar qabate jiruu keessa akka bahuufi sarara deeggarsichi itti darbaa jiruu mijataa gochuuf akkasumas olola sobaa hafarsaa jiruu irraa akka of quusatuufi hanga ammaatti konkolaattoonni deeggarsa fe’anii deemani turan 1025 tahan hatattamaan akka deebi’an hawaasni idl-Addunyaa dhiibbaa akka taasisuu mootummaan waamicha dhiheessaas jedheera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015