Miseensonni Alshabaab 34 magaalaa Finfinnee fi iddoowwan garaagaraatti haleellaa raawwachuuf qophiirra turan to’ataman

55

Finfinnee, Ebla 15/2014 (TOI)-Tajaajilli Nageenyaa fi Odeeffannoo Biyyoolessaa miseensota Alshabaab 34 magaalaa Finfinnee fi iddoowwan garaagaraatti haleellaa raawwachuuf qophiirra turan oppireeshiniiwwan qaamolee nageenyaa naannoo Oromiyaa fi Somaalee waliin ta’uun gaggeesseen to’annaa jala akka oolaan taasiseera.

Tajaajilichi ibsa TOI ergeen, miseensonni Alshabaab kunneen wayita taateewwan amantaa ayyaanaan walqabatanii gaggeeffamaan eeguun haleellaa shororkeessummaa raawwachuuf qophiirra akka turan dhaabbata nageenyaatin jalqabumarraa hordofaama turu himameera.

Kanaanis magaalaa Finfinnee, naannolee Oromiyaa fi Somaaleetti haleellaa cimaa raawwachuuf shiraa xaxuun qophaa’aa turuus, cancalaa garichaa hordofuu fi ragaa sassaabuun haleellichi akka raawwatuuf qopha’aa kan turan miseensonni Alshabaab 34 to’annaa jala ooluun shirri karoorfamee ture fashalaa’eera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015