Ayyaana Faaskaaf tajaajila qalmaa sadarkaasaa eeggate dhiheessuuf qophiin taasifameera.

85

Ebla 12/2014(TOI) - Ayyaana faaskaaf tajaajila qalmaa qulqullina isaa eeggatee kennuuf qophii xumuruu dhaabbanni tajaajila qalmaa Finfinnee beeksise.

Dhaabbanni tajaajila qalmaa magaalaa Finfinnee, waldaan Lukaandaafi Daldaltoota Itoophiyaa qophii ayyaana Faaskaa ilaalchisuun taasisaa jiran ilaalchisuun ibsa laataniiru.

Hojii geggeessaan dhaabbata tajaajila qalmaa Magaalaa Finfinnee obbo Sayid Idiriis akka himanitti qaamni kamiyyuu beellada qalmaaf oolu kan nageenyi isaa mirkanaa'e yoo dhiheesse tajaajila qalmaa kennuuf qophiidha.

Dhaabbatichi Foon sangaa qinxaaboon, kan Hoolaa fi Re'ee immoo jilmaan ni dhiheessa. Kanaafis horii maalaa kuma 3 akkasuma hoolotaafi ro'oota kuma 5 qopheessuu himaniiru.

Kana Cinaattis dhaabbilee tajaajila qalmaa biroo waliin hojjechuuf waliigaluu himaniiru.

Dhukkuboonni beelladarraa gara namaatti darban waan jiraniif hawaasni beellada Dhaabbata tajaajila qalmaan alaatti qalaman fayyadamuurra akka of qusatu waamicha taasisaniiru.

Gabaa beellada 4 magaalicha keessatti argamaniitti beellada qalmaaf oolan kumni 30 hanga 40 dhihaachuu kan himan immoo pirezidaantii waldaa daldaltoota Itoophiyaa aadde Maazaa Qalamawariqidha.

Beelladoota qalmaaf oolan kana dhiheesuuf naannolee Amahaaraa fi Oromiyaa waliin mariin taasifamuus himaniiru.

Pirezidaantiin Waldaa Lukaanddawwan Finfinnee obbo Ayyalee Saayihiluu akka himaniitti qalma beelladaa barbaachisu hundaa dhaabbata qalmaatti raawwachuuf qophii barbaachisu xumuruu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015