Konkolaattonni deeggarsa namoomaa fe’an 30 gara naannoo Tigraayitti imaluuf qophii ta’uu ibse

49

Finfinnee, Eebla 12/2014 (TOI) –Konkolaattonni deeggarsa namoomaa fe’an 30 gara naannoo Tigraayitti imaluuf qophii ta’uu Sagantaan Nyaata Addunyaa ibseera.

Konkolaattonni meeshaalee deeggarsa namoomaa fi nyaata badhaadhaa fe’an 30 gara naannoo Tigraayitti imaluuf qophii ta’uu dhaabbata Sagantaa Nyaata Addunyaatti hogganaan Kominikeeshinii damee Itoophiyaatti Kileer Neeviil ibsaniiru.

Walakkeessa baatii Muddee 2021irraa eegalee marsaa lamaan deeggarsi namoomaa Meetirik Tooniin kumni 2 fi 350 fi boba’aan liitirri kumni dhibbi 1 fi kumni 62 gara naannichaa galuu beeksisaniiru.

Murtoo mootummaan deeggarsa namoomaa waliin ga’uuf jecha walitti bu’iinsa dhaabuu dabarse haala gaariin kan ilaalan ta’uu kaasuun, dhaabbatichii fi deeggartoonni isaa deeggarsa namoomaa kaaba Ityoophiyaaf barbaachisu waliin ga’uuf dandeettii qabaachuu eeraniiru.

Jalqabaa baatii Eebilaa 2022 irraa eegalee konkolaattonni deeggarsa namoomaa fe’an nageenyummaan isaanii eegamee karaa Afaar gara Tigraay imaluurratti fooyya’iinsi mul’achuu kaasuun, jalqabbii gaarii kana guddisuun lammiilee deeggarsa barbaadaniif guyyaa guyyaan deeggarsa dhiyeessuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Lammiilee naannolee Amaaraa, Tigraayii fi Afaaritti deeggarsa namoomaa barbaadan miiliyoona 3.5’f Sagantaan Nyaata Addunyaa deeggarsa nyaataa qaqqabsiisuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Dhaabbatichi baatii Bitootessaa 2022 irraa eegalee naannoo Amaaraatti lammiilee kuma dhibba 4 fi kuma 50 oliif, naannoo Afaaritti ammoo lammiilee kuma dhibba 3 ta’aniif deeggarsa namoomaa taasisuu ibsaniiru.

Tattaaffii waloo taasisuunii fi hanga deeggarsaa aariitiin guddisuun lammiilee baraaruun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

Sagantaan Nyaata Addunyaa seensa bara 2021 irraa eegalee lammiilee naannoolee Amaaraa, Tigraayii fi Afaar miiliyoona 4 fi kuma dhibba 4 ol ta’aniif deeggarsa midhaan nyaataa taasisuu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015