Yuuniyeenichi liqaan qonnaan bultootaf galtee qonnaa dhiheesuun utubaa ta'eera

171

Eebla 12/2014(TOI) - Yuuniyeeniin Waldaan Qonnaan bultoota Lumee Adaamaa bara oomishaa kana galtee qonnaaf waantota oolan liqaan qonnaan bultootaaf dhiheesaa jiraachuu Qonnaan bultoonni Tajaajilli Oduu Itoophiyaa dubbise himan.

Qonnaan bultoonni naannoo Mojootti Tajaajilli Oduu Itoophiyaa dubbise akka himanitti yuuniyeenichi galteewwan qonnaaf oolanifi meeshalee qonnaa ammayyaa kanneen akka Tiraakteraafi Kombaayineraa dhiheessa jiraachuu himaniiru.

Qonnaan bultoota kana keessaa tokko kan ta'an obbo Asheetuu Taaddasaa akka himattii yuunyeeniin Waldaa qonnaan bultoota Lumee Adaamaa liqaadhaan xaa'oo biyyoo, Sanyii filatamaafi koomikala farra aramaa argataniiru.

Yuuniyeenichi yeroodhaan galteeewwan qonnaa dhiheessuufisaniis dalladolata seeraan alaan akka miidhaan irra hin geenye taasiseera.

Qonnaan bultoonnis Kilaasteraan qindaa'uun lafa qonnaa qoffeeffatanii rooba eegaa jiraachuu himaniiru.

Itti aanaan hoji geggeessa Yuuniyeenii Qonnaan bultoota Lumee Adamaa obbo Kaasaa Charuu akka TOI himanitti Yuuniyenichi gatiin galteewwan qonnaa sababa qaala'eef galteewwan qonnaa kanneen qonnaan bultootaf liqaan dhisuu himaniiru.

Bara oomishaa kanas Yuunenichi karaa waldaalee bu'uuraa xaa'oo biyyoo kumtaala kuma 393 fi 959 fi sanyii filatama kumtaala kuma 14fi 848 , xaa'oo dhangala'aa liitira kuma 26 fi 180 fi keemikaala farra aramaafi ilbiisoota liitira kuma 9 fi 270 qonnaan bultootaf dhiheesuuf qophiin taasifama jira.

Itti gaafatama Wajjira qonnaa godina shawaa bahaa obbo Masfiin Tamooshaa akka himanitti godinicha keessa yuuniyeeniwwan qonnan bultoota 5 jiru.

Isaan keessa tokko kan ta'ee Yuuniyeeniin qonnaan bultoota Lumee Adaamaa qonnaan bultootaf galteewwan qonnaa kanneen akka xaa'oo, sanyii filatamaa, farra aramaafi ilbisotaa liqaaan dhiheessaa jiraachuu himaniiru.

Yuuniyeeniin Qonnaan bultoota Lumee Adaamaa bara 1989 miseensota hundeesitoota 350 kaappitala birri kuma 150 aanaa tokkotti hundaa'e.Yeroo ammaa yuuniyeenichi aanaalee 6 tti kan babala'atee yoo ta'u miseensoota kuma 63 qaba.Kaappitaalli Yuuniyeenichaas yeroo ammaa birrii miliyoona 79.6 ol gaheera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015