Dargaggoonni kalaqa teeknooloojiin dorgommii Teeknoolojii misoomsuu Idil-Addunyaa irratti dorgoomaan badhaasa hanga Doolara Ameerikaa miiliyoona 2fi kuma 500 injifatan. - ENA Afaan Oromoo
Dargaggoonni kalaqa teeknooloojiin dorgommii Teeknoolojii misoomsuu Idil-Addunyaa irratti dorgoomaan badhaasa hanga Doolara Ameerikaa miiliyoona 2fi kuma 500 injifatan.
Eebla 11/2014(TOI) - Dargaggoota kalaqa teeknooloojiin dorgommii Teeknoolojii misoomsuu Idil-Addunyaa irratti injifatan, badhaasa Doolara Ameerikaa miiliyoona 2fi kuma 500 argataniif badhaasnifi beekkamttiin kennameefiira.
Ministirri Innooveeshiiniifi Teeknooloojii ,Eejansii Tumsa Idil-Addunyaa Kooriyaa waliin ta’uun, oggeessoota kalaqa teeknooloojii 15’f dhaabbilee teeknooloojii jalqabbii irra jiraniif badhaasa kenneera.
Eejansii Tumsa Idil-Addunyaa Kooriyaa namoota fi dhaabbileen hojii kalaqaan dorgommii Teeknoolojii misoomsuu Idil-Addunyaa irratti qabxii olaanaa galmeessaniif badhaasa maallaqaafi waraqaa ragaa kenneera.
Deetaan Ministirri Ministeera Innooveeshiiniifi Teeknooloojii Dr Baayisaa Badhaadhaa dhaabbilee hojii teekoonooljii eegalan kunneen guddinaa teeknooloojii Itiyoophiyaa saafisiisuu keessatti gahee olaanaa qabu jedhan.
Dr. Baayisaan deeggarsa Eejansii Tumsa Idil-Addunyaa Kooriyaa taasiseefis galteeffataniiru. Itiyoophiyaatti Daayireektarri Eejansiichaa Lii Biiyoongi Hu gamasaaniin, Itiyoophiyaan damee Innooveeshiiniifi kalaqa hojiif haala mijaata uumuuf yaalii taasisa jirtuuf Eejansiicha akka deeggaru himaniiru. Eejansiichis dargaggoota teeknoolojii misoomsuun badhaafamaniif dhimmoota daldalaafi teeknikaa irratti leenjii kenna turus himaniiru.
Dargaggoonni kunneen bu’uura leenjii fudhataniin dorgoomii Idil-Addunyaa irratti injifachuun badhaasa doolara Ameerikaa kuma 25 hanga miiliyooan 2fi kuma 500 argachuun isaanii himameera.
Biyya keessatti ammoo carraa hojii 200 ol uumuun,qabeenya kuma 100 hanga kuma dhibba 5 horataniirus jedhameera.