Waashingiteen Diisiitti hiriirri mormii wixinee labsii seeraa 'HR 6600’ fi 'S 3199’ geggeeffame. - ENA Afaan Oromoo
Waashingiteen Diisiitti hiriirri mormii wixinee labsii seeraa 'HR 6600’ fi 'S 3199’ geggeeffame.
63
Eebila 10/2014(TOI) - Ameerikaa Waashingiteen Diisiitti hiriirri mormii wixinee labsii seeraa 'HR 6600’ fi 'S 3199’ geggeeffame.
Hiriirri kun fuula dura Waayit haawusitti kan geggeeffame yoo ta'u, ''qoqqobbiin ni ajjeesa, Seerota farra Itoophiyaa, Ertiriyaa fi Ameerikaa ta'an ni marmina, Wixineen labsii seeraa HR 6600 fi S- 3199 haqamuu qabu fi fedhii ofii guuttachuuf gochaawwan humnaan raawwataman kamiyyuu ni mormina dhaadannoon jedhan hiriira kanarratti dhageesifamuu odeeffannoo TOI Waldaa nagaa fi tokkummaa Itoophiyaaf damee Waashingiteen diisii irraa argate ni muli'isa.