Jilli obbo Ahimad Shideen durfamu walga'ii waggaa dhaabbata maallaqa addunyaarratti hirmaashuu Waashingiteen diisii galan.

60

Eebila 10/2014(TOI) - Jilli Ministirra Maallaqaa obbo Ahmad Shiideen durfamu walga'ii garee Baankii Addunyaa fi dhaabbata maallaqaa addunyaa kan waggaa irratti hirmaachuuf Waashingiteen diisii gale.

Ambaasaaddar Fitsum Araggaa jila kanaaf simannaa taasisuufii tiiwitara isaanirratti ibsaniiru.Jilli kun waliga'ii kanarratti marii walitti dhufeenyaa dhimmoota waloo irratti taasisuuf qophii taasiseera.

Walga'iin Garee Baankii addunyaa fi dhaabbata maallaqaa addunyaa(IMF) har'a irraa jalqabee Rakkoowwan damdamachuuf haala danda'amuuratti xiyyeeffatee kan taa'u himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015