Konkolaatonni deeggarsa namoomaa fe’aanii gara Tigiraay imaalan hunduu nagaan Maqalee gahaniiru.

29

Eebila 7/2014(TOI) _ Jidduu kana Konkolaatonni deeggarsa namoomaa fe’aanii gara Tigiraay imaalan 50 nagaan Maqalee gahuusaanii Sagantaan nyaata addunyaa beeksiseera.

Biiroon Sagantaa nyaats addunyaa Itoophiyaatti argamu akka Tiwuuter isaarratti ifoomsetti konkolaatonni kunneen deeggarsa namoomaa baay’ee barbaachisoo achiin fe’uun achiin gahaniiru.

Kanneen keessaas Qamadii,Midhaan Zayitaafi Boba’aan keessatti akka argamu eerera.