Ministirri Muummeefi Ajajaan waliigalaa humna waraanaa FDRI doktar Abiyyi Ahimad qondaltoota Olaanoo waraanaaf ibsaafi qajeelfama hojii kennan irratti dhimmoota ijoo kaasaniiru.

533

Ebla 06/2014(TOI) - Ministirri Muummeefi Ajajaan waliigalaa humna waraanaa FDRI doktar Abiyyi Ahimad qondaltoota Olaanoo waraanaaf ibsaafi qajeelfama hojii kennan irratti dhimmoota ijoo kaasaniiru.

Haaluma kanaanis jijjiiramni eegalame karaa sirnaafi of eeggannoon hogganamuu yoo baate misoomaafi sochii biyyaalessaa ni balleessaa jedhan.

Loltuun yeroo nagaatti qophii taasisuun wayita rakkoootti bu’a qabeessa akka ta’uu isa gargaara jedhan.

Eejjannoon hin jijjiiramne hin jiru,kan jijjiiramu yoo jiraates jijjiiramicha mataasaati.

Nuti daandii mul’ata keenya hordoofna malee hidhamtoota rakkoo ta’uu hin qabnu.

Dhimmoonni baayyeen jijjiiramanii namoonni garuu osoo hin jijjiiramiin iddoo dhuma dhaabbatanitti yoo itti fufan mataa isaanii irratti,dhaabbataafi Biyyaa irratti badii qaqqabsiisa jedhan.

Jijjiiramni jijjiirama Siyaasaa,faalasama hordoofnuu,hoggansaafi gurmaa’insa hojii ta’u danda’aas jedhan.

Raayyaan Ittisaa dawoo biyyaati malee tajaajilaa paartii Badhaadhinaa miti.

Raayyaan Ittisaa Biyyaa biyyi wayita qorumsaa garaagaraa keessaa turte aarsaa kanfaluun waardiyyaa biyyaa ta’uu agarsiiseera.

Itiyoophiyaa waraanaa dabalatee qorumsaa gara garaa dabarsaa jijjiirama biyyaa yeroo itti fufsiistuu Raayyaan Ittisaa Biyyaa waliin ture,ammaas jira.

Waggoota 10 dhufanitti biyyaa mootummaa cimaa qabdu,wabii nyaataan of dandeesse,biyya nyaata gurgurtuu malee biyyaa nyaata

Waggoota kurnan dhufan keessatti Itiyoophiyaa biyya mootummaa cimaa qabdu, biyya wabii midhaan nyaataa mirkaneeffatte,midhaan gurgurtu malee kan kadhattu akka hin taane hojjechuu qabna.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015