Boordichi garee gurmessuun iyyannoo paartilee siyaasaa qorachaa turuu ibse

83

Eebila 06/2014 (TOI) – Boordiin Filannoo Biyyaalessaa garee gurmessuun iyyannoo paartilee siyaasaa qorachaa turuu beeksise.

Boordichi paartilee siyaasaa waliin dhimmoota garaagaraarratti mari’achaa jira.

Boordichi iyyannoowwan paartileen siyaasaa dhiyeessaniif garee qorannoo gurmeessuun hojiilee hedduu hojjechaa turuu beeksiseera.

Iyyannoowwan paartilee siyaasaa ka’umsa godhachuun bakkeewwan komiin irratti ka’anitti imaluun furmaata seeraa akka qabatan taasisuun danda’amuu ibsameera.

Iyyannoowwan ABO fi KFOn dhiyaatan irratti Oromiyaa bakkeewwan garaagaraatti imaluun hojiin qorannoo hojjetamuu ibsameera.

Kanaanis hojiimaanni seerri qabeessi hojiirra akka oolu murtoo dabarsuun furmaata itti kennisiisuu eerameera.

Iyyannoowwan paartilee siyaasaa garaagaraan ka’aniif furmaata kennisiisuuf gareewwan qulqulleessituu 7 gurmeessuun hojjechaa turuu boordichi ibseera.

Hojiin iyyannoo qorachuu fi qulqulleessuu xumuramuu fi yeroo barbaachisaa ta’etti koreewwan walfakkaatan gurmeessuun kan danda’amu ta’uu eerameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015