Doktar Abiy Ahimad bokka Jandoo fi lolaa cimaan balaa Afrkaa kibbaa mudaateef gadda itti dhaga'amee ibsatan.

87

Eebla 06/20149TOI) – Ministirri Muummee FDRI doktar Abiyyi Ahimad bokkaa jandoo roobee fi lolaa cimaa mudateen Afrikaa kibbaatti balaa qaqqabeef gaddi itti dhaga'amuu himan.

Doktar Abiyi ergaa karaa Miidiyaa hawaasummaa isaanii dabarsaniin “Yaannikoo guyyoota muraasa dura Obboleessaafi Obboleettiwwan koo Afrikaa Kibbaa roobaa cimaafi lolaan miidhaan irraa gaheefi Pireezidant Siriil Raamafoosaa bira jira ” jira jedhaniiru.

Wayita rakkisaa kanatti Itiyoophiyaan lammiilee Afrikaa Kibbaa bira dhaabbatis jedhaniiru.Afrikaa Kibbaa Kuwaazuluutti rooba jandoo roobeen lolaa umameefi sigiga lafaa mudateen balaa cimaa namaa fi qabeenyarraan gaheera.

Balaa kanaan lammileen 259 lubbuu isaanii kan dhaban yoo ta'uu kumaataman kan lakka'aman mana malee hambiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015