Itoophiyaatti, diinagdee cimaa ijaaruufi nageenya waaraa buusuuf carraaqqii taasifamu keessatti Kanaadaan kan deeggartu ta’uu Itiyoophiyaatti,Ambaasaaddarri Kaanaadaa Isteefaanii Joobiin himan

72

Ebla 5/2014(TOI) - Itoophiyaatti, diinagdee cimaa ijaaruufi nageenya waaraa buusuuf carraaqqii taasifamu keessatti Kanaadaan kan deeggartu ta’uu Itiyoophiyaatti,Ambaasaaddarri Kaanaadaa Isteefaanii Joobiin himan.

Ambaasaaddar Isteefanii akka jedhanitti, hariiroofi michummaan cimaa Itiyoophiyaafi Kaanaadaa bara dheeraaf kan ture ta’uu yaadachisuun, rakkoon wayitaawaa Itoophiyaan yeroo ammaa keessa galte akka hiikkatuuf Kaanaadaan tumsa barbaachisu kan taasiiftu ta’uu himaniiru.

Keessattuu diinagdee cimaafi sirna fayyaa dubartootaa giddu gala taasifate diriirsuuf tattaaffii taasifamu Kaanaadaan kan tumsitu ta’uus himan.

Kana malees mariin biyyaaleessaa Itiyoophiyaatti gaggeeffamuuf jedhu rakkoolee jiran hiikuun waliigaltee biyyaaleessaa uumuuf qooda guddaa waan qabuuf Kaanaadaan akka waan gaariitti fudhatti jedhan.

Mariichis Itiyoophiyaanoota hunda biratti karaa fudhatama qabuufi adeemsa siyaasaa ifa ta’een gaggeeffaamu qaba jedhan.

Mariin biyyaaleessaa kunis galma barbaadame bira akka gahuuf Kanaadaan deeggarsa barbaachisu kan taasiftu ta’uu himaniiru.

Ministirri Muummee Kaanaadaa Jastiin Tiruudoofi Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Dr. Abiyyi Ahmad yeroo dhihoo as irra deddeebiin bilbilaan mari’achuu isaaniis yaadachiisaniru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015