Paarkiin Indastirii Qonna qindaa'aa Hirgaalem oomishaalee gara gabaa alaatti ergerraa galii doolaara miliyoona 4.4 ol galii argate.

83

Ebla, 4/2014(TOI) - Korporeeshiniin misooma Paarkiwwan Indaastirii naannoo Sidaamaa Paarkiin Indastirii Qonna qindaa'aa Hirgaalem oomishaalee gara gabaa alaatti ergerraa galii doolaara miliyoona 4.4 ol argachuu beeksise.

Paarkiin Indastirii qonna qindaa'aa Hirgaalem sheediwwaan 11 qabatee hojii erga jalqabee waggaa tokko ta'eera.

Paarkichatti yeroo ammaa kubbaniyaawwaan 5 oomishalee akka Zayitaa Avookaadoo, Damma, Annaniifi Buna oomishuun gabaaf dhiheessuun sharafa alaa galchaa jiru.

Hojigeggeessaan olaanaa Korporeeshinii misooma Paarikiwwanii naannoo Sidaamaa obbo Mammiruu Mokee akka TOI himanitti, paarkichi haga ammaatti galii doolaraa miiliyoona 4.4 argachuu himaniiru.

Galiin kunis kan argame oomishaa Zaayita Avookaadoo Kubbaniyaawwan lama oomishaanirraa akka ta'e himaniiru.

Idastiriwwaan kuneen Qonnaan bultootaafi waldaalee hojii gataa waliin akka hojjetan mijeesuun galtee oomishaa warshaaleen kun oomishaniif barbaachisuu dhiheesuufi fi haala gabaa mijeesuun akka danda'emees himaniiru.

Warshaalee lama Paarkicha keessatti argaman waliin qindoomina uumameen qonnaan bultoonni kuma dhibba 1 fi kuma 35 fayyadamoo ta'uus himaniiru.

Gara fuula duraatti paarkichi oomishalee alaa gala biyya keessatti oomishuuf xiyyeeffannoo kennee akka hojjetu himaniiru.Haaluma kanaan galteewwan adda addaa itti dabaluun oomishalee Bunaafi Aannanii gara gabaa biyyaatti galchamaa jiran warshaalee kanneenitti oomishuun kan alaa galuu hambisuuf hojjetamaa akka jiru himaniiru.

Paarkii Indastirii Qonna Qindaa'aa Hirgaalemitti bu'uuraleen misoomaa barbaachisan kan guutamaniif kubbaniyaawwaan 150 keessummeessuu kan danda'an Sheedoonni qophaa'anii abbootii qabeenyaa eegaa akka jiran hojigeggeessaan kun himaniiru.

Warshaalee kanneeniif oomishalee galtee addaa addaaf oolaan gahaa naannootti kan argamuufi humana namaa gahaan kan jiru waan ta'eef dureeyyoonni carraa kanatti fayyadamuu akka qabaniis waamicha taasisaniiru.

Paarkiin Indastirii Qonna Qindaa'aa Hirgaalem bara 2013 baatii ebla keessa hojii jalqabe.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015