Gondoritti miseensota Paarlamaa fi ogeeyyii Fayyaa Israa'eelif simannaan taasifame.

62

Ebla, 4/2014(TOI) - Gondoritti jila miseensoota paarlaamaa fi ogeeyyii fayyaa Israa'eeliif simanaan taasifameera.Simanna jila kanaarratti hoggantoonni Yuunivarsiitii Gondorii fi Magaalichaa argamaniiru.

Kayyoon jilli kun gara kana dhufeefis naannoo Amahaaraatti dhaabbilee fayyaa sababa waraanaan miidhaan irra gahe deebisanii dhaabuuf hojii mootummaan Itoophiyaa hojjetu deeggaruuf akka ta'ee Pirezidaantiin Yuunivarsiitii Gondor Doktar Asiraat Atsadewayiin himaniiru.

Jilli Israa'eelii dhufe kun minstira Itti aanaa dhimma nageenyaa duraanii Israa'eeliifi miseensa Paarlaamaa ammaa kan ta'an Gaadii Baarkaniin kan durfamudha.

Jilli kun turtii guyyoota lamaaf Gondor turuun hojii Yuunivarsiitii Gondor akkasuma Hospitaala waliigalaa Ispeeshaalaazid Gondor ni daawwata jedhameera.

Jilli kun guyyaa har'aa wajjira qonsilaa Israa'eel magaalaa Gondoritti argamuufi Galma mootummaa Atsee Faasil ni daawwata jedhameera.

Guyyaa Boruus haalaa dhaabbilee fayyaa naannichatti sababa waraanaan miidhaman meeshaaleen gargaruun danda'amurratti hoggantoota naannichaa waliin ni mari'atu jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015