Pirojeetiin Fawundeeshinii Dijitaalaa naannoofi hawaasummaarratti dhiibbaa akka hin uumnetti hojjiirra oolaa jira.

67

Ebla 03/2014(TOI) - Pirojeetiin Fawundeeshinii Dijitaalaa akkaataa Baankiin addunyaa kaa'een naannoofi hawaasummaarratti dhiibbaa geesisuu karaa xiqqeessuu danda'uun hojiirra olaa jiraachuu Ministeerri Innoveeshiniifi Tekinolojii beeksise.

Ministeerichi Pirojeektii Fawundeeshinii Dijitaalaa Baankii addunyaa deeggaru haalaa naannoo fi hawaasarratti dhiibbaa hin geesifneenni akkatti hojiirra oolaa jiru irraatti qaamolee dhimmi ilaallaatu waliin mari'ataa jiru.

Kaayyoon marii kanaas yeroo piroojetichi hojii jalqabu naannoo fi hawaasa irrratti dhiibbaa gahuu xiqqesuu keessatti meeshalee barbaachisanfi haala itti fayyadama isaarratti, yeroo hojiirra ooluu komiwwaan ka'aan haala ittiin furuun danda'amurratti, walhubannoo uumuuf kan gargaarudha jedhameera.

Deetaan ministira Innooveshinii fi Tekinolojii Hurriyaa Alii marii kanarratti akka himaniitti waltajiin marii kun dhiibba naannoo karaa fooyya'aan qorachuu kan dandeesisuufi hojiirra oolmaa Pirojeetichaas foyyeesuuf kan gargaarudha jechuu isaan raagaan Minsteericharra argame ni mul'isa.

Pirojeektiin Faawundeeshinii Dijitaalaa kun minsteera Innoveeshiniifi Tekinolojiin kan durfamu yoo ta'u,Misteerri Maallaqaa, Minsteerri Barnootaa, Minsteerri Hojiifi Ogummaa, Abbaa Taayitaa Komunikeeshii Itoophiyaafi Pirojeetiin waraqaa eenyummeessaa Biyyaaleessaa keessatti hammatamuusaanii himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015