Naannoo Somaaleetti, piroojektoonni lafa hektaara 260 Jallisiin misoomsuu danda’aan ijaaramun tajaajila kennu eeggalan jedhame.

76

Ebla 01/2014(TOI) - Naannoo Somaaleetti, piroojektoonni lafa hektaara 260 Jallisiin misoomsuu danda’aan ijaaramun tajaajila kennu eeggalu himameera.

Hogganaan Biiroo Qonnaa naannichaa Dr. Abduulqaadir Imaan akka himanitti naannichatti Godina Liiban aanaalee lama keessatti piroojektoonni lafa hektaara 260 misoomsuu danda’an 4 tajaajila eegalaniiru.

Piroojektoonni kunneen abbootii warraa kuma 1 fayyadamoo taasisas jedhaniiru.

Bulchaan Godinaa Liibaan Obbo Mahaammad Muhaammad gama isaaniin pirojektoonni Biiroo Qonnaa naannichaan aanaalee godinichaa lamaan keessatti ijaaramaan oomishaafi oomishtummaa gariin horsiisee bultoota guddisuu keessatti gahee guddaa qaba jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015