Daandiin qilleensichaa imaltoota ‘Iid hanga Iid gara biyyaa’ jedhuuf % 20 hir’ina taasise

85

Finfinnee, Bitootessa 29/2014 (TOI) – Daandiin Qilleensa Itoophiyaa Waamicha gara biyyaa galuu guddicha marsaa 2ffaa kan ta’e ‘Iid hanga Iid gara biyyaa’ jedhuu fudhachuun lammiilee, dhalattootaa fi michuuwwan Itoophiyaa gara biyyaa dhufaniif gatii tikeetti imalaa %20 har’isuu beeksiseera.

Bu’uruma kanaan imaltoota tikeetti isaanii baatii Faranjoota Eebila 6 hanga Eebila 21, 2022 kutuu fi imala isaanii Eebila 25 hanga Caamsaa 15, 2022tti mijeeffachuun carrichatti akka fayyadamaan ibseera.

Imaltoonnis erga gara biyyaa dhufanii booda sagantoota adda addaa qopha’aanirratti akka hirmaataniif ragaan Ejansii Diyaaspooraa Ityoophiyaarra argame ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015