''Teeknooloojiin dumeessa misoomsu, dumessa kan uumu osoo hin taane dumeessa kuufameen rooba dabalataa argachuuf kan gargaarudha''

160

Bitootessa 29/2014(TOI) - Institiyuutiin Meetroloojii Biyyaalessaa Teeknooloojiin dumeessa misoomsu, dumessa kan uumu osoo hin taane dumeessa kuufameen rooba dabalataa argachuuf kan gargaarudha jedhe.Institiyuutiichi dhimma kana ilaalichiisuun miidiyaaf ibsa kenneera.

Daarkitarri Itti aanaa Institiyuutiichaa Obbo Kinfee Hayilemaariyaam akka jedhanitti, teeknoloojichi sadarkaa idil Addunyaatti bal’inaan hojiirra ooleera.

Itoophiyaatti keessattis sadarkaa yaaliif hojiirra oolaa jiraachuu himan. Teeknooloojichi dumeessa kuusuun bokkaa akka roobsutti fakkeessuun kan ibsamaa jiru dogongorraa ta’uu himaniiru.

Teeknooloojiin kun duumeessa kuufame jiruun rooba dabalataa kennuuf kan gargaaru malee bakka duumeessi hin jirreetti duumeessa uumuun kan roobsisu akka hin taane himaniiru.

Teeknooloojicha hojiirra oolchuuf immoo duumeessi xiqqaan jiraachuu qaba jedhaniiru. Waan ta’eefis bakkeewwan hongeen dheerateetti duumeessi rooba fiduu dandeessisu waan hin jirreef teeknooloojichi qofaasaan hongeef furmaata jedhanii fudhachuu akka hin qabne himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015