Hoospitaala Riferaalaa Goobbaaf Meeshaaleen Yaalii Birrii Miiliyoona 5 fi kuma dhibba 8 ta'u deeggarsi taasifameef

61

Goobbaa Ebla 04/2011 Dhaabbanni deeggarsa Internaashinaalii Rootrii fi Kusso jedhaman Hoospitaala Riferaalaa Yuunivarsiitii Goobbaaf deeggarsa meeshaalee yaalii birrii miiliyoona 5 fi kuma dhibba 8  ta'u deeggarsa taasise.

Deeggarsichi du'a daa'immanii fi haadholee hir'isuuf akka oolu Yuunivarsiitichi beeksiseera.

Dhaabbanni deeggarsaa kun meeshaan inni arjoome kun tajaajila da'umsaa haadholii fi du'a haadholii akkasumas du'a daa'immanii hir'isuuf  ni oola jedhameera.

Sirna wal irraa fuudhinsaa meeshaa kana irratti argamanii haasaa kan taasisan qindeessaan dhaabata Internaashinalii Kusoo miis Laawurii Buskee akka jedhanitti meshaaleen deeggarsaa taasifaman kunneen birrii miiliyoona 5 fi kuma dhibba 8 kan baasanidha.

Dhaabbatichi deeggarsa kanaan alas buufata fayyaa Sinaanaa, Gobbaa fi Ginniir waliin dhima fayyaa daa'immanii irratti qindoominaan hojjachaa akka argamu himaniiru.

Kanaanis bara darbe keessatti dhaabbatichi ogeessota fayyaa da'umsa haadholii irratti hojjatan kuma 1 fi 200 ta'aniif leenjii ogummaa kennuu isaa dubbataniiru.

Daayrektariin Hoospitaala Goobbaa Doktar Takattal Xilaahuun deeggarsa taasifameef galateeffatanii" Deegarsi kun du'a haadholii fi daa'immanii hir’isuuf ni oolaa " jedhaniiru.  

Dhaabbanni deeggarsaa kunis deeggarsa kanaan alatti ogeessota isaaniif leenjii akka kennaniif gaafataniiru.

Yuunivarsiitii Madda Walaabuutti itti aanaan pirezidaantii Akkaadaamiik Doktar Abubakar Kadiir gama isaaniitiin Yuunivarsiitichi bara kana qo'annoo fi qorrannoo 100 ol ta'an adeemsisaa jira jedhaniiru.

"Deeggarsi amma argame kunis hoospitaalichi tajaajila fayyaa qulqullina qabu akka ummataaf kunuuf ni gargaara " jechuun dubbataniiru.

Hoospitaalli Riferaalaa Goobbaa bara 2007 irraa kaasee Yuunivarsiitii Madda Walaabuu jalatti akka bulu ta'ee jiraattota godina Baaleef tajaajila kennaa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015