Caffeen Oromiyaa Qaamolee Nageenyaa waliin dhimma nageenya Naannoo irratti mari’achaa jira. - ENA Afaan Oromoo
Caffeen Oromiyaa Qaamolee Nageenyaa waliin dhimma nageenya Naannoo irratti mari’achaa jira.
Bitootessa 29/2014(TOI) - Koreen Dhaabbii Dhimma Bulchiinsaa, Seeraafi Misooma Namaa Caffee Oromiyaa, hordoffiifi to'annoo dhimma nageenyaarratti taasisaa tureen, qaamolee nageenyaa waliin mari'ataa jira.
Caffeen Oromiyaa akkaataa Heera Mootummaa Naannichaa Keeyyata 49 keessatti aangoo hojii kennameefiin, haala hojii manneen hojii Mootummaa addatti qorachuuf aangoo guutuu qaba.
Bu'uuruma kanaan marii taasifamaa jiruun, dhimma nageenyaarratti hojii hojjetamaa ture, rakkoo nageenyaatiin miidhaa dhaqqabaa jiru, yaaddoo uummanni dhimma nageenyaarratti qabu, qindoomina qaamolee nageenya waliigalaa, rakkoowwan nageenyaa naannoo daangaafi komii uummanni tajaajila nageenyaarratti qabu mariif dhiyaateera.
Qaamoleen nageenyaarratti hojjetan hojii akka mana hojii isaaniitti hojjetamaa jiruufi rakkoowwan mudatan, kallattii furmaataati waan jedhanirratti duubdeebii kennaa jiru.
Yaadolee mariif dhiyaatan kana xiinxaluun Naannichatti nageenya waaraa fiduuf kallattiin ni kaawwama jedhamee eegama jechuun OBN gabaasera.