Humni Waloo Ministirootaa hojiilee qorannoo fi deebisanii dhaabuu hanga ammaatti hojjetaman gamaaggame

58

Finfinnee, Bitootessa 28, 2014 (TOI) – Gareen Qorannoo fi qo'annoo Ministeera Haqaa, Poolisii Federaalaa fi Raayyaa Ittisa biyyaarra walitti dhufuun qindaa'ee walitti bu'iinsa Kaabaa Itoophiyaatti raawwateen naannoo Amahaaraafi Affaritti rakkoo dhiitta mirga namoomaa qaqqabee humni Waloo Ministirootaa dhisee.

Humni waloo kunis gabaasa qorannoo dhiittaa mirga namoomaafi kanneen qe'ee fi qabeenya isaanirra buqqa'an deebisanii dhaabuuf hojii hojjetame gamagameera.

Walitti bu’iinsa kaaba biyyattiitti uumameen hojiileen yakkoota raawwataman adda baasuun adeemsi yakkamtoota seeratti dhiyeessuu fi lammiilee miidhaman deebisanii dhaabuu sadarkaa maalirra akka jiru bal’inaan ilaalameera.

Hanga ammaatti yakkoota raawwataman ilaalchisee eenyuunii fi akkamitti raawwataman kan jedhu irratti ragaaf namoota haasofsiisuu danda’uu fi ragaa ga’aa walitti qabuun yakkamtootarratti himata banuuf adeemsa eegaluu ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015