Itoophiyaan baatii saddeettan darbanitti daldala ala ergiirraa galii doolaara biiliyoona 2.52 argatte.

62

Bitootessa 27/2014(TOI) - Itoophiyaan baatii saddeettan darbanitti daldala ala ergiirraa galii doolaara biiliyoona 2.52 argachuushee Ministeerri Daldalaafi qindoomina Qaxanaa beeksise.

Manni maree bakka bu'oota uummataa yaa'ii idilee 5ffaan raawwii hojii baatii saddetii Ministeera Daladalaafi Qindoomina Qaxanaa gamaggameera.

Mana marichaaf gabaasa kan dhiheessan Ministirri Daladalaafi qindoomina Qaxanaa Gabramasqaal Caalaa baatiiwwan saddeettan darban daladala alaarraa galiin doolaarri biiliyoona 2.52 argamuu himaniiru.

Damee kanaan baatii saddetitti galii doolaaraa biiliyoona 2.77 argachuuf kan karoorfame yoo ta'u, haala karoora kanaan harki 91 milkaa'eera jedhaniiru.

Galii argame kana keessaa dameen hojii qonnaarraa doolaaraa biiliyoona 1.75, dameen indastiriirra doolaaraa miiliyoona 320.9, damee albuudaarraa doolaaraa miiliyoona 389 akkasuma dameewwaan biroon itti dabalamuun galiin doolaarri biiliyoona 2.52 argamuu himaniiru.

Galiin bara kana argame kan baatii saddetii kun kan bara darbee yeroo walfakkatattii argame doolaara biiliyoona 2.10 waliin yoo madaalamu harka 20 caalamaa akka qabuus himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015