Magaalichatti balaa tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 6 darbe - ENA Afaan Oromoo
Magaalichatti balaa tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 6 darbe
56
Finfinnee, Bitootessa 27/2014 (TOI) – Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Gullallee aanaa 1tti balaa tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 6 darbuu ibsame.Balichaan barattoota 2 dabalatee lubbuun namoota 6 darbuu ibsameera.
Taksiin lakkoofsi gabatee isaa AA02166 ta’e Quusqaam irraa gara Shiroo Meedaatti osoo imalaa jiruu fireeniin cituun balaa qaqqabeen lubbuu daa’imman barattootaa dabalatee namoota 6 darbuu hogganaan Waajjira Bulchiinsa Nageenyaa kutaa magaalichaa obbo Geetaahuun Abarraa ibsaniiru.
Hangaa miidhaan qaqqabee fi sababa ka’umsa balichaa baruuf qorannoon dabalataa taasifamaa jiraachuu ragaan kominikeeshinii kutaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.