Manni marichaa danbii ittiin bulmaata Majilisaarratti marii geggeessa turee walii galteen xumure.

372

Bitootessa 26/2014(TOI) - Manni Maree Waliigala Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa maree torban tokkoof danbii ittiin bulmaata Majiliisaarraatti tibbana gaggeessa ture waliigalteen xumuruusaa beeksise.

Marii manni marichaa danbii ittiin bulmaata Majilisaa ilaalchisuun torban tokkoof geggeeffate kana ilaalchisuun Itti anaan Pireezidaantii Mana Maree Waliigala Dhimmoota Islaamumma Itoophiyaa Doktar Jeeylaan Kadir ibsa kennaniiru.

Ibsa isaanitiinis, dambii ittiin bulmaataa kanarratti bal'inaan mari'achuun waliigaltee walfakatarra ga'uu danda'uu himaniiru.

Marii kanaan hojiiwwan gara fuula duraatti hojjetamanif kallattiin kan kaa'ame yoo ta'u danbii ittiin bulmaata kanarratti bakka buutonni ulaamaa naannoleefi ulaamaawwan Majilisaa alaa jiranis kan irratti mari'atan ni taasifama jedhaniiru

''Akkamitti hojiirra olaa kan jedhuus ilaallee, fekkeenya biyya biraatii fi ulaamaa biyya biraa irraatti mariisisun akka qabnu walii galleerra'' jedhaniiru.

Naannoolee dabalatee mariin ittii aanuu 'Ida' booda gaafa guyyaa 10ffaa gaggeessuf walii galuu isaanitis himaniiru.Kana malees Maree godhameen ''nuti warra galuu, fulduuraaf warra ummatni filatetti kennine baana jenne kanarratti wal taanee'' jedhan.

Kanan dura rakkoo hedduun akka ture kan himan doktar Jeeylaan waliigalteen amma irra gahame kun waan guddadha jedhaniiru.

Ji'a Ramaadanaa kana keessa diyaaspoora gara biyya isaanitti dhufan simachuuf qophii taasifamuus doktar Jeeylaan himaniiru.Lammileen biyya alaa jiratanis yeroo kanatti gara biyya isaanii akka dhufanii akka biyya isaan ilaalan waamicha taasisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015