Ministiroonnifi hoggantoonni mootummaa biroon kan irratti hirmaatan sagantaan Afxira magaalaa Jimmaatti geggeeffame.

41

Bitootessa 26/2014(TOI) – Ministiroonnifi hoggantoonni mootummaa biroon kan irratti hirmaatan sagantaan Afxira magaalaa Jimmaatti geggeeffame.

Sagantaan kun mata dure ”Biyya keenyaaf nagaafi jaalala” jedhuun geggeeffame jedhameera.

Ministirri mallaaqaa obbo Ahimad Shidee, ministirri Turizimii Aadde Naasisee Caalii, daareektarri olaanaa abbaa taayitaa daandiwwanii Injineer Haabtaamuu Tagany sirna Afxira kanarratti argamaniiru.

Ministirooonni fi hoggantoonni mootummaa kunneen har’a haaromsi galama mootii Abbaa Jifaar maal irra akka gahe ni daawwatu jedhamee eeggama.