Baga waggaa 11ffaa dhagaa bu’uuraa ijaarsa piroojektii Hidha Haaromsaa Guddichaa itti kaa'ameen isin gahe-Obbo Dammaqaa

66

Finfinnee, Bitootessa 24/2014 (TOI)- Itti aanaan Ministira muummeefi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokkonniin waggaa 11ffaa dhagaa bu’uuraa ijaarsa piroojektii Hidha Haaromsaa Guddichaa Itoophiyaatti kaa’amee ilaalchisuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniiru.

Obbo Dammaqaan yaadannoo dhagaa bu'uuraa kaa'u waggaa 11ffaa ijaarsa piroojektii hidha haaromsaa guddichaa Itoophiyaatiif bagattiin isin gahee jechuun dabarsaniiru.

Waggoottan dheeraaf lagni abbaay dhangala’aa kan ture yoo ta’u, yeroo amma garuu misooma biyyaa keenya dhugoomsuuf qaqqabuun baga guyyaa seenaa qabeessa kanaan nu gahe jedhaniiru.

Piroojektichi erga dhagaan bu’uuraa kaa’amerra eegalee hidhichi adeemsa ijaarsa murteessoo ta’an keessaa darbuun yeroo amma kana gara boqonnaa humna jalqabaa maddisiisuutti ce’eera jedhaniiru.

Ijaarsa piroojektichaaf deeggarsi hunda galeessaa lammiilee biyyaatti, cimina hoggansa mootummaa, lammiilee diyaaspooraa akkasumas hoggantoota proojektichaa fi ogeeyyiin tumsa taasisaniif hedduun kan dinqisiifatamuu fi boonsaadha jedhaniiru.

Obbo Dammaqaan kanis maqaa mootummaa keenyaa fi uummattootaatin galataa fi kabajakoo ibsuun barbaada jedhaniiru.

Ijaarsa yeroo itti aanuutti hafeef ammoo bu’aa gaarii argamsiisuuf deeggarsu baldhaan hawaasaa karaa fooyya’aa ta’een cimee itti fufuu qaba jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015