Pireezdaant Shimallis Abdiisaan boqachuu obbo Galaasaa Dilboof gaddi itti dhaga’amuu ibsan - ENA Afaan Oromoo
Pireezdaant Shimallis Abdiisaan boqachuu obbo Galaasaa Dilboof gaddi itti dhaga’amuu ibsan
85
Finfinnee, Bitootessa 22/2014 (TOI) – Gameessi qabsoo bilisummaa Oromoo obbo Galaasaa Dilboo addunyaa kanarraa du’aan boqachuu isaanii hordofee Pireezdaantiin Bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa ergaa gaddaa dabarsaniiru.
"Oromiyaan birbirsa cimaa tokko dhabdee jirti. Gameessa qabsoo bilisummaa Oromoo, jabaa gaafa rakkoo umurisaa guutuu Oromoof wareege, Jaal Galaasaa Dilboo du'aan addunyaa kanarraa boqochuun gadda cimaa natti dhagahame ibsaa Ummata Oromoo maraaf jajjabinan hawwa."jedhaniiru Pirezidaantiin naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa.