Adeemsa lammilee Saa'uud Arabiyaadhaa deebi'an simannaa hanga deebisanii dhaabuutti jiru si'eessuuf qophiin gahaa taasifameera.

91

Bitootessa 21/2014(TOI) - Adeemsa lammilee Saa'uud Arabiyaadhaa deebi'an simannaa hanga deebisanii dhaabuutti jiru si'eessuuf qophiin gahaa taasifamuu koreen simannaa sadarkaa biyyaaleessatti hundaa'e beeksise.

Lammilee Itoophiyaa lakkofsaan kuma 100 caalaan Saa'uud Arabiyaa magaalaa Riyaaditti mana hidhaa keessatti rakkachaa jiran gara biyyaatti deebisuufi erga deebi'anis deebisanii dhaabuuf hojii hojjetamu milkeessuuf qindeessummaa minsteera dhimma alaan koreen dhaabbilee adda adaa dhimmi ilaallatu irraa hundaa'uun gara hojiitti galameera.

Guyyaa har'aas lammileen rakkoorra turan magaalaa Riyaad irraa gala biyyaatti galaniiru.

Ministirri dhimma dubartootaafi hawaasummaa doktar Ergoogee Tasfaayee, deetaa ministira dhimma alaa ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoofi miseensonni koree dhimma godaantootarratti hundaa'an biroon buufata xiyyaara idil addunyaa Booleetti argamuun simataniiru.

Sirna kanarratti deetaan ministira dhimma alaa ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoo hojiiwwan dippiloomaasii adda addaa hojjetamaniin lammilee rakkoorra jiran kana gara biyyaatti deebisuu jalqabamuu himaniiru.

Haaluma kanaan baatiiwwan 11 keessatti lammilee rakkoorra jira kuma 102 gara biyyaatti deebisuuf karoorri qabamuu himaniiru.

Guyyaa har'aas marsaa jalqabaan lammileen 500 ta'aan Finfinnee galuu isaanii himaniiru.

Haga ammaatti lammileen kuma 40 ta'an gara biyyaatti galuuf galmaa'uu isaanis himaniiru.

Yeroo lammilee rakkoorra jiran kana gara biyyaatti deebifamu, haadholiifi daa'imman dabalatee kanneen deeggarsa adda isaan barbaachisuuf dursi ni laatama jedhaniiru.

Lammilee kana gara naannolee irraa dhufaniitti deebisuuf naannolee waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu himuun, Finfinneetti bakki qubannoo yeroo qophaa'uufii himaniiru.

Guyyoota itti aananitti hojiin garagarummaa guyyaa tokkoon guyyaatti balalii xiyyaaraa 3'n lammilee kana gara biyyaati deebisu ni hojjetama jedhaniiru.

Lammilee kanaaf leenjii barbaachisaa kennuufin karaa waaraan deebisanii dhaabuu ni hojjetama jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015