Poolisiin Federaalaa Itoophiyaa caaseeffamaafi moggaasa Itoophiyaa madaalu qopheessuu beeksise.

80

Bitootessa 21/2014(TOI) - Poolisiin Federaala Itoophiyaa caaseeffamaafi moggaasa Itoophiyaa madaalu qopheessuun hoggantoota sadarkaa giddugaleessaaf leenjii hoggansaa kennaa jiraachuu ibse.

Hoggantoonni giddugaleessaa Poolisii Federaalaa kutaa olaanaatti ramadaman caasaa dhaabbataa, gurmaa’iinsaa fi ga’ee hoggansa Tiraanisfoormeeshinii irratti leenjii fudhachuu ibsameera.

Leenjichi karoora waggoota 10 raawwachiisuu isaan dandeessisu Yuunvarsiitii Poolisii Itoophiyaatti fudhachuu ibsameera.Ramaddiin hoggantoota kanneenii sadarkaa, muuxxannoo hojii, sadarkaa barnootaa hirmaachisummaa dubartootaa fi sabdaneessummaa irratti hundaa’uun gaggeeffamuu eerameera.

Komishinarri Komishinii Poolisii Federaalaa Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el karoora tarsiimoo waggoota 10 komishinichaarratti ibsa taasisaniiru.

Muuxxannoo gaarii biyyoota biroo haala kamiin fayyadamuun akkaataa danda’amurratti ibsa laataniiru.

Komishinarri Poolisii Federaalaa Itoophiyaa Jeneraal Dammallaash Gabiremikaa’eel, yaada jijjiirama damee nageenyaafi karoora imaammataa waggaa 10 dhaabbatichaa irratti ibsa kennaniiru.

Hojiimaata Poolisiin yaalii biyyoota muuxannoo gaarii qaban haala itti fayyadamuu danda’amu irrattis ibsa kennaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015