Lammiileen Itoophiyaa Saa’uud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa turan gara biyyaa deebi’uu eegalan.

57

Finfinnee, Bitootessa 21/2014 (TOI) – Lammiileen Itoophiyaa Saa’uud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa turan har'a yeroo jalqabaaf deebi'uu jalqabaniiru.

Har'aa lammilee gara biyyaatti marsaa duraan deebi'an kanaaf buufata xiyyaaraa idil addunyaa Boolee yeroo gahaan simannaan taasifameera.

Sirna simannaa kanarrti deetaan ministira dhimma alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoo, Ministirri dhimma Dubartootaa fi hawaasumaa doktar Ergoogee Tasfaayee fi hoggantoonni mootummaa biroon argamaniiru.

Lammilee Itoophiyaa Saa'uud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa jira kuma 100 baatiiwwan 11 keessatti gara biyyaatti deebisuuf kan murtaa'e yoo ta'uu koreen dhimma kana raawwachiisus dhaabbilee adda addaarra hundaa'era jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015