Namoonni yakka daddabarsa namaa seeraan alaan himataman adabbii cimaa adabaman

61

Finfinnee, Bitootessa 20/2014 (TOI) – Namoonni yakka daddabarsa namaa seeraan alaan himataman tokkoon tokkoo isaanii murtoo adabbii waggaa 16 fi Birrii kuma 50 adabamuu Manni Murtii Olaanaa godina Harargee Lixaa beeksise.

Namoonni seeraan ala nomoota daddabarsan Obsaa Adamii fi Gaaddisaa Aliyyuu jedhaman shamarran 4 godina Harargee Lixaa aanaa Miiccataarraa gara Sawud Arabiyaatti geessuuf magaalaa Miiccataarraa gara magaalaa Dirree Dawaatti imalchiisaa osoo jiranuu gaafa Bitootessa 15,2014 magaalaa Cirootti Poolisiin to’annoo jala oolchuu Haadhi Murtii mana murtichaa Eelsaabeet Taaddasaa ibsaniiru.

Shamarreen kunneen umuriin isaanii waggaa 16 fi 17 ta’uu eeraniiru.Namoonni gochichaan himatamanii murtoon irratti darbe “daandiin Sawud Arabiyaa nagaadha, barnoota keessan maallaqa hedduu erga argattanii booda deebitanii itti fuftu” jechuun gowwomsuu ibsameera.

Manni murtichaa dhimmicha hordofaa turuu fi bu’aa qorannoo Poolisii fi abbaa alangaarraa argate walii simsuun dhaddacha Bitootessa 19, 2014n murtoo dabarsuu ibsaniiru.

Maatiin ijoolleen isaanii gara mana barumsaa deemuusaanii qofa osoo hin taane oolmaa isaaniillee hordofuu akka qabanii fi manneen barnootaa ammoo namoota seeraan alaa naannoo isaanii marmaaran irratti hordoffii taasisuun qaamolee seera maleeyyii waliin ittisuu akka qaban dhaamsa dabarsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015