Torbeen Aadaa Oromiyaa magaalaa Shashamannneetti kabajame.

67

Bitootessa 18/2014(TOI) -Torbeen Aadaa Oromiyaa magaalaa Shashamannneetti kabajame.

Torbeen aadaa kun “Aadaan keenya guddina Turizimii keenyaaf” mata duree jedhuun kan kabajame yoo ta'u kan qopheeesses Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaati.

Kabaja torbee aadaa Oromiyaa kanarratti jilli aadaa godinaalee Oromiyaa hundaarra hirmaataniruu

Naannoolee Itoophiyaa biroorraas jilli aadaa affeeraman hirmaataniiru.

Ayyaana kabaja torbee aadaa kanarratti Ministirri Aadaa fi Ispoortiifi hoggantuu Biiroo aadaa fi Turizimii Oromiyaa dabalatee hoggantoonni mootummaa federaalaa fi naannoo biroon hirmaataniiru.

Sirna kanarratti haasaa kan taasisaan hoggantuun biiroo aadaa fi Turizimii Oromitaa aaddee Aadde Saa’ad Usumaan kaayyoo torbee aadaa kun qabeenyaa aadaa keenya guddina turizimii akka oolchinu gargaara jedhaniiru.

Ministirri aadaa fi Ispoortii obbo Qajeelaa Mardaasaa gama isaaniin haasaa taasisaniin guyyaan kabaja torbee aadaa kun hariiroo uummata kan cimsuufi guddinaa dinagdee keessattis gahee gudda qaba.

Gara fuulaa duraattis aagarsiifni aadaa kun sadarkaa mootummaa federaalaatti sabaafi sablamoota Itoophiyaa hundaa hirmaachisun ni qopha'a jedhaniiru.

Mariin paanaalii akkasuma Simpooziyeemiin qorannoofi qo’annoos sagantaa kanarratti dhihaateera.

Torbeen aadaa Oromiyaa kun guyyoota lamaaf kan geggeeffamu yoo ta'uu borus itti fufee kan geggeeffamu ta'uu himameera.

Sirna kanarratti dorgommiin muuziqaas baandiiwwan adda addaa jidduutti kan taasifamu yoo ta’u agarsiifnii aadaa sirna kanarratti ni raawwatama jedhameera.

Guddina aadaa fi aartii Oromoo keessatti kanneen gumaacha taasisaniifis beekamtiin ni kennamaaf jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015