Wixineen Seera “HR 6600” akka hin raggaaneefi rakkoon biyyaa keessa hundeerra akka hiikamuuf qaamoleen hunduu yaalii mataa isaani taasisuu qabu.

62

Bitootessa 17/2014(TOI) - Wixineen Seera “HR 6600” akka hin raggaaneefi rakkoon biyyaa keessa hundeerra akka hiikamuuf qaamoleen hunduu yaalii mataa isaani taasisuu akka qaban Yaa’iin Abbootii Amantaa Itiyoophiyaa waamicha dhiyeessan.

Wixineen seera kun akka hin raggaaneefi rakkoon biyyaa keessa hundeerra akka hiikamuuf Paartilee siyaasaa dabalate qaamoleen hunduu gahee mataa isaanii bahaachuu akka qabanis yaa’iichi hubachiiseera.

Waltaajjii Waajjirri Damee Ameerikaa Kaaba Yaa’ii Dhaabbilee Amantaa Itiyoophiyaa Maagaala Mayrilaanditti qopheesse kanarrtti Barreessa Olaanaa Yaa’ii Dhaabbilee Amantaa Itiyoophiyaa Lubaa Tagaay Taaddalaa,Ambaasaaddar Fitsum Araggaafi bakka bu’oonni dhaabbilee Amantaa torba irratti argamaaniiru.

Barreessa Olaanaa Yaa’ii Dhaabbilee Amantaa Itiyoophiyaa Lubaa Tagaay Taaddalaa qabxii ejjannoo yaa’iichi murteesse ifoomsaaniiru.

Haaluma kanaanis Ameerikaa Kaabatti Dhaabbilee Amantaa Itiyoophiyaa qindeessuun biyya waliinii keenya kan taatee nageenya,haqummaafi kallattiii misoomaa Itiyoophiyaaf gumaacha gaarii taasisuuf adeemsa gargaaruu Yaa’ii boqonnaa hundeessuuf waliigalamuus himameera.

Wixinee seeraa “HR 6600 “fi Seeneetiif dhiyaachuuf qophiirra kan jiru ‘S 3199 “ mormuun qaamolee dhimmi ilaallatuuf dhiyeessuuf waliigalteerra gahaamuus himaaniiru.

Amantoonnis kana hubachuun mormii isaanii dhageessissuu qabu jedheera Yaa’iichi.

Itiyoophiyaa keessatti Walitti bu’iinsa iddoo garaagaraa jiru akka dhabaatu,keessattuu kutaa Kaaba biyyatti,Kibbaafi Lixaa akkasumas iddoowwan rakkoo walfaakkataa keessa jiran, rakkoon gaaga'ama namoomaa akka hiikamuuf qaamolee dhimmi isaan ilaallatu yaalii akka taasisan, Rakkoo osoo hin uumamiin dura hundeerra furuuf Mootummaafi Paartileen morkattootaa gahee mataa isaanii bahachuu qabu jechuun yaa’iichi gaafateera.

Keessattuu Itiyoophiyaa keessatti yakka ajjeechaa, buqqaiinsaa, sarbamiinsa mirga namoomaa akka balaaleffatuufi yakkamtoonni seeratti dhiyaachuu qabu jechuun yaa’iichi gaafateera.

Dhaabileen Amantaa Ameerikaa Kaabatti argamanis haala amma jiruun osoo adda wal hin qoodiin siluma iyyuu rakkoo nu muudate karaa gamtaan hiikuun akka danda’amuuf tokkummaa isaanii eeggachuun waaqeffannaa isaanii raawwachuu qabu jechuun yaa’iichi hubachiiseera.

Rakkoon yeroo muudatus aadaa walgargaaruu jiru cimsaani itti fufu qabdu jechuunis yaa’iichi waamicha taasiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015