Mootummaan hojii deeggarsa namoomaa gara naannoo Tigiraayitti imaalchisuu karaa milkaa'aa ta'een ni raawwata. - ENA Afaan Oromoo
Mootummaan hojii deeggarsa namoomaa gara naannoo Tigiraayitti imaalchisuu karaa milkaa'aa ta'een ni raawwata.
Bitootessa 17/2014(TOI) - Mootummaan hojii deeggarsa namoomaa gara naannoo Tigiraayitti imaalchisuu karaa milkaa'aa ta'een raawwachuuf gama isaan cimsee kan hojjetu ta'uu Komishiiniin hoggansa sodaa balaa beeksise.
Komishiinerri komishiinii hoggansa sodaa balaa Mitikkuu Kaasaa haala waqtaawa ilaalichisuun ibsa laataniiru.
Komishineer Mitikkuun ibsa lataaniin Hagayyaa 14/2013 hanga Amajji 6/2014 karaa dhaabbilee gargaarsaa deeggarsi midhaan nyaataafi meeshaalee adda addaa meetirikii toonii kuma 51 fi 494 gara naannoo Tigiraayitti imaalchifameera.
Yeroo dhihoo deeggarsa namoomaafi boba'aa mootummaan karaa naannoo Affaar gara Tigiraayitti geessuu imaalichisa ture sababa garee shororkeessaa ABUT tiin danqameera jedhaniiru.
Kanaan dura deeggarsa namoomaa kana mootummaa fi dhaabbileen gargaarsa konkolaataan Uummata Tigiraayif dhiheessaa turuu himaniiru.
Dhaabbileen gargaarsaa haga danda'ameefitti karaa daandii qilleessaas guyyaan deeggarsa kana akka dhiheessaan heeyyamamuufii himaniiru.
Ammas Mootummaan deeggarsi namoomaa kun karaa milkaa'aa ta'a gara naannoo Tigiraayitti imaalchisuuf gana isaan carraaqqii cimaa ni taasisa jedhaniiru.
Gama garee shororkeessaa ABUT tiinis hojiin deeggarsa namoomaa kun uummata akka qaqqabuuf hojjetamu milkaa'aa akka ta'uuf hojiin walfakkataan hojjetamuu qaba jedhaniiru.