Mootummaan Itoophiyaa deeggarsa namoomaaf jecha walitti bu’iinsa dhaabuuf murtoon dabarse tarkaanfii sirriidha – Turkii

60

Finfinnee, Bitootessa 16, 2014 (TO) – Turki Mootummaan Itoophiyaa deeggarsa namoomaatif jecha murtoo walitti bu’iinsa dhaabuuf murteessee walitti bu’iinsichaaf furmaata barbaaduu fi tarkaanfii sirridhaa jechuun Turkii ibsiteetti.

Ministeerri Dhimma Alaa Turkii fuula miidiyaa hawaasa isaan akka ibsetti, mootummaan deeggarsa namoomaaf jecha walitti bu’iinsa dhaabuuf murtoon dabarse dinqisifachuun, tarkaanfii sirrii ta’uus ibsameera.

Mootummaan Itoophiyaa lammiilee naannoo Tigraay deeggarsi namoomaa barbaachisuuf deeggarsicha ariifachiisuuf guyyaa kaleessa walitti bu’iinsa dhaabuu ibsameera.