Itoophiyaa dabalatee biyyoonni Afrikaa 8 dhibee 'Giinii warim' ittisuuf wallin hojjechuuf walii galan.

72

Bitootessa 15/2014(TOI) - Itoophiyaa dabalatee biyyoonni Afrikaa 8 dhibee 'Giinii warim' ittisuuf wallin hojjechuuf walii galuu isaanii beeksisan.

Biyyoonni kun walii galtee kana raawwachuu kan beeksisaan Konfireensii Bitootessa 11-13/2014 dhimma dhibee Giinii warim irratti Dubaayitti qophaa'errattidha.Waliigaltee kana 'Dubaay dikilareeshiin' jechuun kan moggasaan yoo ta'uu akka lakkoofsa awurrooppatti 2030 dhibee giinii warim aardii Afrikaa keessaa balleessuu kan kaayyeefatedha.

Biyyoota waliigaltee taasisan kanneen keessa, Itoophiyaa, Chaayad, Sudaan kibbaa, Angoolaa,Sudaan, Rippabilikaa Dimookirataawaa Kongoofi Kaameeruun keessatti argamu.

Waliigaltee kana keessatti dhaabbileen adda addaa kan dhimma Fayyaa irratti hojjetan keessatti kan hammataman yoo ta'u, haala waliigaltee kanaan biyyoonni kunneen ogeeyyii fayyaada gara biyyootatti bobbaasuu, maallaqaafi meeshalee barbaachisoo waliitti qabuun hojii walii galticha keessatti hojjetamudha jedhameera.

Karoorri waliigaltee kanaa haalan yoo mikaa'e dhibeen Giinii warim kun Gifiratti aanee addunyaarra dhibee guutummaatti bade ta'a jechuun marsariitiin Zenashiinaal jedhamu gabaasera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015