Obbo Masfin Xaasawu hojii raawwachiisaa olaanaa Daandii Qilleensa Itoophiyaa ta’uun muudaman

57

Finfinnee, Bitootessa 15/2014 (TOI) – Obbo Masfin Xaasawu hojii raawwachiisaa olaanaa Daandii Qilleensa Itoophiyaa ta’uun muudamaniiru.

Daandii qilleensichaa waggoota dheeraaf hojii raawwachiisaa olaanaa ta’uun hogganaa kan turan obbo Tawaldee Gabramaariyaam guyyaa kaleessaa fedhii isaaniitiin hojii gadhiisuu ibsuun isaanii ni yaadatama.

Obbo Masfiin Xaasawu waggoota 38 sadarkaa adda addaatti hoggansaa daandii qilleensa Itoophiyaa keessa hojjetaniiru.

Muuxannoo mana hojichaatti qaban kanaan mikaa'ina daandiin qilleensa Itoophiyaa kanaan dura qabu kan cimsanii itti fufsiisuu danda'anidha jedhamee abdatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015