Itiyoophiyaa Damee tuuriizimiitiin guddinni galmeessifte Afriikaa keessaa dursaadha jedhame

71


Finfinnee Ebla 2/2011 Itiyoophiyaan gama turiizimiitiin  guddina  galmeessifteen addunyaarraa ishee duraa taateetti.

Afriikaa keessaa immoo Ruwaandaa fi Ugaandaan itti aanu.

Dameen Turiizimii Itiyoophiyaa bara faranjootaa darbe guddinni galmeessise dhibbantaa 48.6 ga’ee dinagdee biyyattii keessaa harka dhiibba keessaa 9 . 4 yoo qabatu, lammiilee miiliyoona 2 .2f carraa hojii uumeera.

Yeroo ammaa kana humni hojjettoota Itiyoophiyaa harka dhibba keessaa 8tti kan siqu kanarratti hirmaatee argama.

Xiinxalli waggaa kan hojjetame haala dhiibbaa dingadee fi carraa hojii uumuu idil addunyaa bu’uura godhachuun biyyoota 185 hirmaachisuun akka ta’e kaawunsilichi beeksiseera.

Haala qo’annichaan walii gala addunyaarraa guddinni oomishaa harkaa dhibba keessaa 10.4 ga’ee yoo qabaatu, namoota miiliyoona 319 kallattiin carraa hojii argamsiiseeraaf.

Kanaan bara 2018 A.A  sadarkaa idil addunyaatti carraan hojii uumame walii galaan harka dhibba keessaa 10 qabateera.

Dinagdeen addunyaa qabbanaa’uu/gadi bu’uu agarsiisus gama guddina tuuriizimiin bara 2019 A.A cimee akka itti fufu gabaasichi agarsiiseera.

Tuuriizimii fi imalli Afriikaa bara 2018 A.A Paasfiikii Isiyaatti aanuun guddina ariifachiisaa galmeessisuun isaa gabaafameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015