Magaaloota naannoo Amahaaraa adda addaatti waltajjiin marii hawaasaa geggeeffamaa jira.

98

Bitootessa, 14/2014 (TOI) - ''Qormaanni baay'achuun imaala gara badhaadhinaatti taasifnuurra duubatti nu hin deebisu '' mata duree jedhuun magaaloota naannoo Amahaaraa adda addaatti waltajjiin marii hawaasaa geggeeffamaa jira.

Waltajjii marii magaalaa Bahaar daaritti geggeeffama jiru irratti Pireezidantii naannoo Amaharaa dokta Yiliqaal Kaffaaloo fi Itti gaafatama wajjiraa paartii badhaadhinaa damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa argamaniiru.

Marii kanarratti abbootii amantaa, daraggootaa ijarsa adda addaarra walitti dhufaniifi jiraatonni magaalichaa hirmaachaa jiru.Mariin uummataa kun murtoo fi kallattii Yaa'ii 1ffaa Paartii Badhaadhinaan darbee fi haala yeroo irratti fuulleffaterratti geggeeffama jira jedhameera

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015