Rakkoolee Paarkiiwwan indaastrii muudatan furuuf Mootummaan kutannoon ni hojjeta.

56

Bitootessa 13/2014(TOI) - Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee rakkoolee Paarkiiwwan indaastrii muudatan furuuf Mootummaan kutannoon ni hojjeta jedhan.

Aadde Adaanach Paarkii Indaastirii Labuu Huwaajiiyan daawwataniiru. Aadde Adaanachi daawwannicharratti akka jedhanitti, paarkiiwwan indaastirii carraa hojii uumuufi sharafa alaa argamsiisuun bu’aa irraa eegamu akka fidaniif rakkoolee isaan muudatan furuun murteessaadha.

Mootummaanis rakkoolee paarkiiwwan indaastirii qunnaman adda baasuun furmaata kennuurratti xiyyeeffatee hojjechaa akka jiru eeruun, kaayyoon daawwannaa kanaas rakkicha hubachuun deebii qabatamaa laachuufi jedhaniiru.

Keessattuu paarkiiwwan indaastirii Magaalicha keessatti argaman humna guutuun oomishuun carraa hojii lammiileef sirnaan uumaa jiraachuu fi galma kaawwameef milkeessaa jiraachuusaanii, akkasumas rakkoon akkamii akka isaan muudatee fi rakkichi akkamiin furamuu danda’aa dihimmoota jedhaman irratti xiyyeeffannoo kennuun hordoffii cimaan ni taasifama jedhaniiru.

Daawwannaa kanarrattis Kantiibaa Itti Aanaa Magaalaa Finfinnee Obbo Zyaanxiraar Abbaay dabalatee, hoggantoonni hojii olaanoo mootummaa kanneen biroo argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015