Naannichatti lammilee buqqa'an deebisanii dhaabuuf hojii hojjetamuu keessaatti dhaabbileen miti mootummaa deeggarsa cimsuu qabu.

57

Bitootessa 12/2014(TOI) - Naannoo Beenishaangul Gumuzitti lammiilee qe'ee isaaniirra buqqa’an deebisanii dhaabuuf hojii hojjetamu keessatti dhaabbileen miti mootummaa deeggarsa isaanii cimsanii itti fufuu akka qaban gaafatame.

Ijaarsi Pirojektii buufata yeroo buqqaa’atootaatiif oolu Birrii Miiliyoona 15’n eegalameera.

Ijaarsi Pirojektii kanaas deeggrsa Birrii Miiliyoona 15 dhaabbilee miti mootummaa Dhaabbata Godaantoota idil Addunyaa /AIOM/ fi ‘’Action for the in Ethiopia’’ jedhaman irraa argameen akka hojjetamu himameera. Pirojektichis Godinaalee Matakkaliifi Kaamashii, akkasumas Aanaa Addaa Mahoo Oomoo keessatti ijaaramaa jedhameera.

Komishinarri Komishinii Hoggansa Hojii Sodaa Balaa Naannichaa Obbo Tarraaqanyi Taasisaa, sirna ijaarsa eegalichiisuu pirojektichaa irratti akka jedhanitti, naannichatti buqqaattonni hedduun buufata yeroofi mana namoota dhuunfaa keessa jiraachaa jiru.

Mootummaan qooda fudhattoota waliin ta’uun deeggarsa barbaachiisu dhiyeessaaf akka jirus himaniiru. Sochii buqqaattoota deebisanii dhaabuuf taasifamaa jiru keessattis dhaabbileen miti mootummaa deeggrsa eegalan cimsanii itti fufuu akka qaban gaafataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015