Mootummaan naannichaa rakkoowwan walxaxaa jiraniif osoo hin jilbeeffatiin hojiiwwan misoomaa milkaa'oo ta'an hojjeteera - obbo Shimallis Abdiisaa

79

Bitootessa, 12/2014(TOI) - Mootummaan naannoo Oromiyaa rakkoowwan walxaxaa naannicha mudataniif osoo hin jilbeeffatiin hojiiwwan mikaa'oo ta'aan hedduu hojjechuu pireezidaantiin naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa himan.

Pireezidaant Shimallis gabaasa raawwii hojii mootummaan naannichaa kan baatiwwan 7 yaa'ii caaffeef dhiheessaniiru.

Akka gabaasa raawwii hojii obbo Shimallis dhiheessaniitti rakkoo nageenyaa sababa garee shororkeessaa Shaneen mudateen cinaatti hongeen godinoota Oromiyaa kanneen akka Booranaa, Gujii, Baaleefi kanneen birootti mudaatan rakkoo cimaa naannicha baatiiwwan torba darbaan keessa mudataniidha.

Rakkoo nageenyaa naannicha keessa jiru furuuf mootummaan naannichaa mootummaa federaalaa waliin ta'uun tarkaanfii Shaneerraatti fudhachaa jiru itti fufa jedhaniiru.

Mootummaan naannichaa rakkoo walxaxaa naaannoo Oromiyaa keessa jiru kanaaf osoo hin jilbeeffatiin gama hawaasummaa fi dinaagdeen hojiiwwan misoomaa mikaa'an hedduu hojjechuu himaniiru.

Haaluma kanaan bara oomishaa 2013/2014 keessaa oomisha kumataalaa miiliyoona 188 argachuu himaniiru.

Hanqiina midhaan nyaataa furuu fi qaala'insa jireenyaa tasgabbeessuuf hojii jallisii bonaan Qamadii oomishuu cinaatti hojii fuduraa fi kuduraa adda addaa oomishuus bali'inaan hojjetamaa jira jedhaniiru.

Galteewwaan oomisha qonnaaf barbaachisaan kanneen akka Xaa'oo biyyoo,Motorootaa bishaan ittiin harkisaan, Tiraaktarootaa fi kanneen biroo waliin gahuuf hojjetamaa akka jiruus himaniiru.

Bara kana gatiin Xaa'oo biyyoo waan dabaleef Xaa'oo umamaa qopheessuurratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhaniiru.Hojii eegumsa naannoon bara kana keessaayyu kunuunsa biyyoo fi bishaaniif kan oolu lafa heekataara kuma 2 olirratti hojiin daagaa hojjetamuus himaniiru.

Tajaajila dhiheessii bishaan dhugaatii, qorichaafi meeshaalee tajaajila fayyaaf oolaaniinis hojiin fooyyee qabu hojjetamuu himaniiru.Lammilee kuma 700 oliifis carraan hojii umamuu himaniiru.

Rakkoowwan sababa hongeen mudachaa jiran qolachuuf piroojetoota addaa qopheesuun hidhaawwan xixiqqaafi jidduugaleessa adda addaa kan tajaajila jallisiif oolaan ijaraamaa jiru jedhaniiru.

Hojiin tajaajila tola ooltummaa jalqabeen jabaatee itti fufa. Hojii kanaanis rakkoowwan hedduu hawaasa naannichaaf ni furra jedhaniirui.

Rakkoo bulchiinsa gaarii uummanni himatu furuuf hoggantootaafi hojjetoota 1828 irratti takaanfiin bulchiinsaa fi seeraa fudhatamuu obbo Shimallis himaniiru.

Yaa'iin Caffee Oromiyaa kun itti fufee geggeeffamaa kan jiru yoo ta'u miseensoonni Caffiichaas gaaffii dhiheessaa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015