Caffeen Oromiyaa yaa'ii idilee 2ffa waggaa 1ffaa bara hojii 6ffaa bor magaalaa Adaamaatti ni jalqabama.

79

Bitootessa 11/2014(TOI) - Caffeen Oromiyaa yaa'ii idilee 2ffa waggaa 1ffaa bara hojii 6ffaa bor magaalaa Adaamaatti ni jalqabama.

Af-yaa'iin Caffee Oromiyaa aadde Saayidaa Abiduraamaan Caffeen Oromiyaa gaaffiwwan misoomaa fi bulchiinsa gaarii uummata bakka isaa buufate deebisuuf yoom iyyuu caalaa ni hojjeta jedhaniiru.

Aadde Saayidaan Yaa'iicha ilaalchisuun har'a ibsa laataniiru.

Ibsa isaaninis Caffeen Oromiyaa yoomiyyuu caalaa gaaffii misoomaa fi bulchiinsa gaarii uummata bakka bu'ee deebisuuf hojjechaa jira jedhaniiru.

Yaa'ii bor eegalamuunis dhimmi nageenyaa fi tasgabbii naannichaa xiyyeeffannoon kan kennamuufidha jedhaniiru.

Aadde Saayidaan akka ibsanitti, hojiiwwan misoomaa akka Qonnaa, Misooma jallisii bonaa, balaa hongee damdamachuuf hojii hojjetamuufi bulchiinsa gaarii irratti hojii gara fuula duraatti hojjetaman irraatti yaa'iichi ni mari'ata.

Hojiiwwan akka karooraatti osoo hin xumuramiin hafuun ummanni komachaa jiru irrattis mari'atamee kallattiin ni kaa'ama jedhaniiru

Caffeen Oromiyaa yaa'ii isaa kanaan raawwii hojii qaama hoji raawwachiiftuu kan baatii 6 naannichaas ni gamagamaa, labsiiwwan fayidaa uummata naannicha mirkaneessanis ni raggaasisa jedhamee eegama jedhaniiru.

Yaa'iichi guyyoota 3 kan turu yoo ta'u labsiiwwan adda adda kan raggaasisuufi muudamoota adda addaas kan laatu ta'a jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015