Obbo Dammaqaan Daayreektara olaanaa Oksifaam idil addunyaa waliin dhimma dhiyeessa deeggarsa namoomaarratti mari'atan

55

Bitootessa 10/2014 (TOI) – Itti aanaan Ministira Muummee fi ministirri dhimma alaa obbo Dammaqaa Mokonniin Daayreektara olaanaa Oksifaam idil addunyaa Gaabrii'eelaa Buchar waliin mari'atan.

Marii isaaninis Lammiilee sababoota garaagaraan rakkoof saaxilamaniif haala deeggarsi namoomaa saffisaan dhiyaachuu danda'urratti mari'achuu isaanii ibsameera.

Weerara Covid -19, walitti bu’iinsa, balaa uumamaa fi namtolcheen lammiilee hedduun miidhamuu isaaniin deeggarsi namoomaa hunda galeessi kan isaan barbaachisu ta’uu ibsameera.

Lammiilee kanneeniif deeggarsa namoomaa dhiyeessuuf Oksifaam dabalatee mootummaan tattaaffii taasiisaa jiraachuu obbo Dammaqaan ibsaniiru.Naannoo Somaalee, Booranaa fi Godina Oomoo Kibbaa dabalatee kutaalee biyyattii garaagaraatti lammileen miiliyoona 23 ol ta’an deeggarsa namoomaa yeroo ariifachiisaa kan isaan barbaachisu ta’uu kaasaniiru.

Obbo Dammaqaan deeggarsa namoomaa Oksifaam Ityoophiyaatti taasiisaa jiru dinqisiifachuun, sochii dhaabbatichitti biyyattiitti taasiisaa jiru kan deeggaran ta’uu ibsaniiru.

Balaa uumamaa fi namtochee Itoophiyaa muudateen miidhaa lammiileerra qaqqabaa jiru furuuf dhaabbanni Oksifaam deeggarsa barbaachisu hunda kan taasiisu ta’uu Daayreektarri olaanaan Dhaabbatichaa ibsuu ragaan Ministeera Dhimmaa Alaarraa argame ni muul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015