Hawaasni daldalaa yeroo rakkoo bu’aa olaanaa barbaachurra tumsaan dabarsuu qabu – Abbootii Amantaa

73

Finfinnee, Bitootessa 9/2014 (TOI) - Hawaasni daldalaa yeroo rakkootti bu’aa olaanaa barbaachurraa haala tumsaan dabarsuun danda’amurratti xiyyeeffachuu akka qaban Abbootiin Amantaa gaafatan.

Yeroo dhiyoo as meeshaalee bu’uuraarratti seeran ala daballiin gatii olaanaa ta’e muul’ateera.

Daballiin gatii kun hawaasni daldalaa bu’aa hin mallee argachuuf oomishaaleee dhoksuu isaaniin ta’uu eerameera.

Gochaaleen akka kanaa amantaanis ta’ee seeraan kan balaalleefatamu ta’uu Abbootiin Amantaa Tajaajila TIO waliin turtii taasiisan himaniiru.

Sababa malee daballii gatii taasiisuu fi meeshaalee dhoksuun ummanni akka rakkatu hojjechuun barsiifata amantaalee kamiiniyyuu kan wal faallessu ta’uu abbootiin kunneen kaasaniiru.

Daballii gatii seeraan alaa taasiisuun hawaasa rakkisuun sirrii akka hin taane Mana Amantaa Kiristiyaanaa Ortodoksi Tawaahidootti Phaaphaasiin kutaa lallabaa Finfinnee fi Godina Guraagee Abunee Waldatsaadiq ibsaniiru.

Barsiifanni amantaa kamiiyyuu gara laafummaa, jaalala, tokkummaa, waloomaa fi gaarummaa ta’uu eeruun, karaa sirriin hojjechuun ofis fayyadaa hawaasa fayyadamoo taasiisuun murteessaa ta’uu kaasaniiru.

Daballiin gatii yeroo yeroon taasiifamu of jaalatummaa fi sassatummaa ta’uu Barreessaa olaanaan Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa magaalaa Finfinnee Sheehi Hamiid Muusaan ibsaniiru.

Kunis Rabbiif abboomuu dhabuurraa kan madde ta’uu kaasaniiru.

sirna daldalaa keessatti walbituu, waljirruu fi gurguruun bu’aa argachuun seera ta’us, seeraa ol bu’aa hin malle argachuuf yaaluun barsiifata amantaa kan cabsu ta’uu hubachiisaniiru.

Gatii hin madaalle dabaluu fi oomisha dhoksuurraa karaa sirriin hojjechuun ummataa fi biyya tajaajiluun seera lafaa fi waaqaa biratti fudhatamaa ta’uu eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015