Lammilee Itoophiyaa Saawudii arabiyaatti haala rakkisaa keessa jiran gara biyyaatti deebisuuf galmeen jalqabameera.

108

Bitooteessa 08/2014(TOI) - Lammilee Itoophiyaa Saawudii arabiyaatti haala rakkisaa keessa jiran gara biyyaatti deebisuuf galmeen jalqabamuu Ministeerri dhimma alaa beeksise.

Dubbi himaan minstira dhimma alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftiin dippilomaasii hawaasaa fi dhimmoota dippilomaasii biroo ilaallatan irratti ibsa laataniiru.

Ibsa isaaninis haga ammaatti lammiilee Itoophiyaa Saawudi Arabiyaatti haala rakkisaa keessa jiran deebisuuf hojii hojjetamaa jiruun namoonni kuma 35 gara biyyaatti deebi'uuf galmaa'uu himaniiru.

Galmeen kun ammas kan itti fufee jiru ta'uu kan himan ambaasaaddarichi, hojiin qulqulleessuu erga xumuraameen booda lammileen kunneen yeroo dhihootti gara biyyaatti akka deebi'an himaniiru.

Mootummaan hojii dippilomaasii hawaasaarratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Nageenya lammilee Itoophiyaa Sudaan jiraatan eegsisuuf yeroo dhihootti hoggantoota dhimma nageenyaa biyyitti waliin mariin geggeeffamuus himaniiru.

Ambaasaaddar Diinaan ibsa isaaniin michummaa Chaayinaafi Itoophiyaa caalaatti cimsuuf haalota dandeesisan irratti ergamaa addaa gaanfa Afrikaa Chaayinaa waliin mariin bu'a qabeessa ta'e geggeeffameera jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015