Ministeerri Barnootaa Barattoonni Yunvarsiitii galuuf jedhan ragaalee barbaachisoo ta'an hanga Bitootessa 13 akka guutaan beeksisee.

87

Bitootessa 8/2014(TOI) - Ministeerri Barnootaa barattoonni yunvarsiitii seenuuf jedhan guyyoota ragaalee guutuuf kennaman keessatti ragaalee barbaachisoo akka guutuu qaban beeksise.

Barattoonni bara 2013 qormaata seensa dhaabbilee olaanaa fudhataniifi qabxii seensaa galmeessisan ramaddii yunvarsiitiiwwan mootummaa argachuu kan isaan dandeessisu kan kanaan dura filannoo dhaabbileefi muummee barnootaa taasisanii turuu ministeerichi yaadachiiseera.

Haaluma kanaan ministeerichi yeroo dhiyootti ramaddii kan taasisu ta’uu eeruun ragaalee armaan gadii akka guutan gaafateera.

1ffaa dandeettii simannaa yunvarsiitiiwwaniifi raawwii qabxii giddugaleessaa barattootaa hubannoo keessa galchuun filannoo yunvarsiitiisaanii hanga Bitootessa 13,2014tti marsariitii Portal.neaea.gov.et seenuun akka sirreessan gaafateera.

Erga ramaddiin taasifamee booda komii jijjiirraan walqabatu kan hinkeessummeessine ta’uus ministeerichi ibseera.

2ffaa barattoonni sababa fayyaafi dhimmoota garagaraatiin rammaddiin haala addaatiin akka ilaalamuuf iyyatan ragaaleesaanii hanga Bitootessa 11,2014tti karaa marsariitii https://student.ethernet.edu.et akka ergan hubachiiseera0People reached0Engagements–Distribution scoreBoost postLikeCommentShare

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015