Qormaata Nu Mudate Darbinee Injifannoo Hin Diigamne Galmeessisuuf Obsaa fi Cimina Barbaachisa--- Ministira Muummee Abiyyi

74

Finfinnee Ebla 2/2011 “Qormaata nu mudate darbinee jnjifannoo hin diigamne galmeessisuuf obsaa fi cimanii hojjechuu barbaachisa”jechuun ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad dubbatan.

Deenmaark magaalaa Arhusitti kan adeemsifame dorgommii qaxxaamura biyyaa 43ffaa irratti Atileetonni Itiyoophiyaa addunyaarraa tokkoffaa ta’uun xumuruusaaniitiin Ebla 1/2011 ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimadii fi pirezidaanti Saahilawarqi Zawudee bakka argamanitti masaraa biyyaalessaatti sagantaan galateeffannaa adeemsifameera.

Sagantaa galateeffannaa kanarratti ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ergaa wayita dabarsan akka ibsanitti, injifannoo egeree fi akka laafutti hin diigammne galmeessisuuf Atileetota keenyarraa obsaa fi cimanii hojjechuu barachuu barbaachisa jedhaniiru.

Hawaasni aadaa fi afaan addaddaa qabu waliin jiraachuun Itiyoophiyaatti kan eegalamee fi Itiyoophiyaatti kan raawwatu ta’uu kan ibsan ministirri muummeen, biyyoonni addunyaarratti argaman abbaa afaan, aadaa fi ilaalcha hedduu ta’anii waliin guddachuusaanii himaniiru.

Biyya tokko keessa hawaasonni  afaan addaddaa dubbatan jiraachuusaanii hubachuu fi beekuun akka barbaachisu hubachiisaniiru.

Sabummaa dhaadhessuun biyya kan miidhu waan ta’eef sabummaan xiyyoo tuqee lubbuu namoota hedduu kan galaafate ta’uu Ruwaandaarraa barachuun akka barbaachisu ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsaniiru.

“Wayita ammaa Itiyoophiyaan qormaata ishee mudate akka darbituu fi abbaa injifannoo egeree akka taatu obsaa fi cimanii hojjechuun murteessaadha” jedhaniiru.

Obsaa fi cimanii hojjechuudhaan walitti dabarsuudhaan, wal ta’uu fi wal deeggaruudhaan mo’achuun akka danda’amu hundi amantaa horachuu akka qabu ministirri muummee hubachiisaniiru.

Sabaan garee uumuudhaan wal jibbuu fi wal ajjeessuun hafee tokko kan biraatiif ulfina, faayaa fi barbaachisaa ta’uu amananii deemuun akka barbaachisu yaadachiisaniiru.

Yeroo dhihootii asitti walitti bu’iinsa sabarratti bu’uureffate kakaasuudhaaf karaa addaddaa yaaliin taasifamaa jira.

Walitti bu’iinsonni naannawoota addaddaatti uumaman qaamoleen bifa sabaa akka qabatu taasisan akka jiran kan hubatamu yoo ta’u rakkoo kana qabbaneessuuf yaaluu manna karaa miidiyaa hawaasummaa rakkoon uumame akka itti caalu oduun sobaa tamsa’aa jira jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015