Paartiin Badhaadhinaa gamagama yaa'ii jalqabaa tibbana ta'een dura geggeesseen hoggantoota paartichaa 2fi 574 hoggansa irraa akka ka'an taasisuu hime.

114

Bitootessa 06/2014(TOI) - Paartiin Badhaadhinaa gamagama yaa'ii jalqabaa tibbana ta'een dura geggeesseen hoggantoota paartichaa 2fi 574 hoggansa irraa akka ka'an taasisuu Itti aanaan Pireezidantii Paartichaa obbo Adam Faaraah himan.

Obbo Adam Faaraah yaa'ii jalqaba Paartii Badhaadhinaa fi haal dureewwan yaa'iicha dura geggeeffaman ilaalchisuun ibsa laataniiru.Ibsa isaanii kanaanis Paartichii yaa'iichaan dura gamaggama taasiseen hoggantoota kuma 108 fi 258 gamagamuun hoggantoota kuma 10fi 658 irratti sadarkaa adda addaatti tarkaafiiwwaan adda addaa fudhateera jedhaniiru.

Hoggantoota kuma 10fi 658 keessaa kuma 2 fi 574 hoggansa irraa akka ka'an taasifamuu himaniiru.Kanneen hafan irratti immo ofeeggannoo cimaafi salphaa, sadarkaarra gad buusuufi bakka jijjiruun kan raawwatame ta'uu obbo Adam himaniiru.

Hoggantoonni kunneen naamusa ogummaa, Kennisa tajaajilaa, Mika'iina hojii hojjetanirratti qabaniifi kanneen biroon kan gamagaman ta'uu himaniiru.Yaa'ichaan paartichi imaanaa uummanni paartichatti laatee galmaan gahuuf gamagama barbaachisu taasisuu himaniiru.

Seerota rakkisoo ta'aan fooyyeessuu, Dhaabbilee dimokraasii bilisa akka ta'an taasisuudhan hojiin hojjetame firii gaarii buusuu gamagamameera jedhaniiru.

Raawwii hojii misoomaarrattis gamagamni kan geeggeffame yoo ta'u, qulqullina pirojeektota hojjetamanii, ariitii ittiin hojjetamanii fi baasii baay'ee humnaa ol hin taaneen akka hojjetaman kallattin kaa'ameera jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015